Official Notices

Announcements

Important notices and updates

Home β€Ί Announcements

University placement link and application

September 3, 2026
πŸŽ“ University Placement የ2018 α‹“.ም. α‹¨αˆαˆˆα‰°αŠ› α‹°αˆ¨αŒƒ α‰΅αˆαˆ…αˆ­α‰΅ αˆ›αŒ αŠ“α‰€α‰‚α‹« αˆ€αŒˆαˆ­ αŠ α‰€α αˆα‰°αŠ“ α‹ˆαˆ΅α‹³α‰½αˆ α‰ αˆ˜α‹°α‰ αŠ›α‹ α‹¨α‰΅αˆαˆ…αˆ­α‰΅ αˆ˜αˆ­αˆƒ ግα‰₯ር α‹¨αŠ¨αα‰°αŠ› α‰΅αˆαˆ…αˆ­α‰΅ α‰°α‰‹αˆ›α‰΅ αˆ˜αŒα‰’α‹« α‹αŒ€α‰΅ αˆ‹αˆ΅αˆ˜α‹˜αŒˆα‰£α‰½αˆ α‰°αˆ›αˆͺα‹Žα‰½ α‰ αˆ™αˆ‰α‘- Β  α‹¨αŠ¨αα‰°αŠ› α‰΅αˆαˆ…αˆ­α‰΅ α‰°α‰‹αˆ›α‰΅ αŠ₯αŠ“ α‹¨α‰΅αˆαˆ…αˆ­α‰΅ መሡክ αˆαˆ­αŒ«α‰½αˆαŠ• ከነሐሴ 28 α‰€αŠ• 2018 α‹“.ም αŠ₯ሡከ αŒ³αŒ‰αˆœ 5 α‰€αŠ• 2018 α‹“.ም α‹΅αˆ¨αˆ΅ αŠ¨α‰³α‰½ α‹¨α‰°α‰€αˆ˜αŒ α‹αŠ• αˆ›αˆ΅αˆαŠ•αŒ αˆͺα‹« (Link) α‰ αˆ˜αŒ α‰€αˆ αˆαˆ­αŒ«α‰½αˆαŠ• ቡ/ቀቡ αˆ˜αˆ„α‹΅ αˆ³α‹­αŒ α‰ α‰…α‰£α‰½αˆ α‰£αˆ‹α‰½αˆα‰ α‰΅ ቦታ αŠ₯αˆ«αˆ³α‰½αˆ α‰ αˆ˜αˆ™αˆ‹α‰΅ αŠ₯αŠ•α‹΅α‰³αˆ³α‹α‰ αŠ₯αŠ•αŒˆαˆαŒ»αˆˆαŠ•α’ αˆ›αˆ΅αˆαŠ•αŒ αˆͺα‹« (Link) Β https://student.ethernet.edu.et/ αˆ›αˆ³αˆ°α‰’α‹«α‘- α‹¨αˆ…αŠ­αˆαŠ“α£ α‹¨αŠ αŠ«αˆ αŒ‰α‹³α‰°αŠαŠα‰΅α£ α‰°αˆ˜αˆ³αˆ³α‹­ αŒΎα‰³ α‹«αˆ‹α‰Έα‹ αˆ˜αŠ•α‰΅α‹«α‹Žα‰½ αŠ₯αŠ“ ከ6 α‹ˆαˆ­ በታች αˆ…αƒαŠ• α‹¨αˆšα‹«αŒ α‰‘ αŠ₯αŠ“α‰Άα‰½ αŠ αˆ΅αˆαˆ‹αŒŠα‹αŠ• αˆ•αŒ‹α‹Š αˆ›αˆ΅αˆ¨αŒƒ αˆ›α‹«α‹«α‹ α‹­αŠ–αˆ­α‰£α‰½αŠ‹αˆα’ α‰΅αˆαˆ…αˆ­α‰΅ αˆšαŠ’αˆ΅α‰΄αˆ­ πŸ’  πŸ”΄α‰°αŒ¨αˆ›αˆͺ α‰΅αˆαˆ…αˆ­α‰³α‹Š αˆ˜αˆ¨αŒƒ αˆˆαˆ›αŒαŠ˜α‰΅ α‰»αŠ“αˆ‹α‰½αŠ• α‹­α‰€αˆ‹α‰€αˆ‰! ✈️https://t.me/Tmhrt_Minister ✈️https://t.me/Tmhrt_Minister

National examination results 2018

August 22, 2026
#Qabxii_Olaanaa_Qormaata_Biyyaalessaa_Kutaa_12ffaa Bara Kanaa Ifoome! Ibsa qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa har'a kennameen, qabxiin olaanaan bara kana galmaa'e ifoomeera. Haaluma kanaan, damee Saayinsii Uumamaatiin (Natural Science) barattoota dhiiraa keessaa qabxiin olaanaan 600 keessaa 591.6 kan galmaa'e yoo ta'u, barataan qabxii ajaa'ibsiisaa kana fides barataa Mana Barumsaa Bultii Addaa Odaa magaalaa Adaamaati. Gama barattoota dubaraatiin , damee Saayinsii Uumamaa kanaan qabxiin olaanaan 600 keessaa 583 kan galmaa'e yoo ta'u, barattuun qabxii kana galmeessistes barattuu Mana Barumsaa Injiibaaraa Agawuu Midir ta'uun ifoomeera. ⭐Baratootni kanneen darban Natural 16.58% Social 8.3% Oromiyaa - Finfinne - 32.4% Amhara β€” 15% Gumuz β€” 6.1% Southern β€” 9.2% Dire Dawa β€” 11.92% Harari β€” 22.76% Gumuz β€” 10.53% Sidama β€” 6.95% Somali β€” 9% South Ethiopia β€” 4.2% Tigray β€” 11.2% Natural Science βœ…Male: 591 / 600 βœ…Female: 583 / 600 Social Science βœ…Male: 576.25 / 600 βœ…Female: 569 / 600 Bara kana waliigalaan barattoota qormaata fudhatan keessaa kanneen qormaata darbuu danda’an 70,544 dha. Kanneen darban keessaa, 16.5% Saayinsii Uumamaa (Natural Science), 8.33% immoo Saayinsii Hawaasaa (Social Science) keessatti argamu. βœ…Bu'aan qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa akkuma gadhiifameen marsariitii armaan gadii irratti ni ilaaluu dandeessu. ➑️ Karaa Website 1. eaes.et 2. eaes.gov.et 3. eaes.edu.et 4. result.neaea.gov.et πŸ”Ή Karaa Ergaa Gabaabaa 6284 πŸ“© πŸ”Ή Karaa Telegram Bot @EAESbot πŸ€– Bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa akkuma gadhiifameen ilaaluuf link armaan olii tuquun ilaalladhaa.

πŸ“’ Ulaagaa Filannoo Barattoota Manneen Barnoota Bultii (MBBA fi MBA) Bara 2019

August 5, 2026
Biiroo Barnootaa Oromiyaa barattoota seensa manneen barnoota bultii (MBBA fi MBA) bara 2019f ulaagaalee fi yeroo galmee beeksiseera. Qormaanni seensa kutaa 9ffaa kompuutaraan (CBT) akka kennamu murtaa’eera. πŸŽ“ Ulaagaa Simannaa Barattoota Waliigalaa Qormaata naannoo kutaa 8ffaa: Dhiira β‰₯ 83%, Dubartii β‰₯ 80% Tiraaniskiriiptii kutaa 7 & 8: Dhiira β‰₯ 85%, Dubartii β‰₯ 75% Afaan Ingilizii fi Herregaa giddugaleessa: Dhiira β‰₯ 75%, Dubartii β‰₯ 70% Naannoo Horsiisee Bulaa Qormaata naannoo kutaa 8ffaa: Dhiira β‰₯ 80%, Dubartii β‰₯ 77% Tiraaniskiriiptii kutaa 7 & 8: Dhiira β‰₯ 85%, Dubartii β‰₯ 75% Afaan Ingilizii fi Herregaa giddugaleessa: Dhiira β‰₯ 75%, Dubartii β‰₯ 70% Qaama Miidhamtoota Ulaagaa walfakkaataa naannoo horsiisee bulaa. πŸ—“ Guyyaa fi Bakka Guyyaa Galmee: Adoolessa 30 – Hagayya 12, 2018 (online) Guyyaa Qormaataa: Hagayya 19, 2018 (online, CBT irratti) πŸ“‘ Madaallii Qabxii 80% Qormaata barreeffamaa(CBT) 15% Qabxii ministrii 5% Qabxii tiraaniskiriiptii πŸ“ Ramaddii Barattootni darban manneen barnootaa bultii addaa BBO fi WMOtti ramadamu. Kan hin filatamne MBA Yunivarsiitii fi manneen barnootaa naannoo isaanii dhiyoo jiranitti galmaa’u. ⚠️ Hubachiisa Barataan ramadame bakka jijjiiruu hin danda’u. Waajjirri barnootaa godinaa fi magaalaa ogeessa ICT ramaduun qormaata sirnaan akka gaggeessu mirkaneessu qaba.